Federeeshinichi galteewwan qonnaa Birrii biiliyoona 3 oliin bituun qonnaan bultootaaf dhiyeessa jira
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017(FMC) – Federeeshiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa galteewwan qonnaa sadarkaa isaanii eeggatan Birrii biiliyoona 3 oliin bituun qonnaan bultootaaf dhiyeessan jira jedhe.
Dhaabbanni qonnaan bultootaa bara 2001 Yuuniyeenoota 40n kaappitaala Birrii miiliyoona18 hundaa’e har’a kaappitaala Birrii miiliyoona 400 oliin hojii oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuurratti hojjetaa jira.
Federeeshinichi hojiilee qonnaan bultoota jijjiiran bu’uura godhachuun hojjechaa akka jiru Itti Aanaa Hojii Gaggeessaan federeeshinichaa obbo Alamaayyoo Tashoomaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Dhaabbata Qonnaan Bultootaan hundaa’ee jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruuf hojjetuudha jedhan.
Keessattuu keemikaaloota farra aramaa, waagii fi ilbiissotaa qonnaan bultootaaf bal’inaan dhiyeessaa jira.
Galteewwan kanneen alaa galchuun gatii madaallawaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa akka jiru eeran obbo Alamaayyoon.
Keemikaaloonni kunneen qulqullina olaanaa kan qabanii fi bu’aa qabeessummaan isaanii kan mirkanaa’eedha jedhan.
Caasaalee isaa hanga sadarkaa gandaatti jiran waliin oomishaa fi oomishtummaa guddisuurratti hojjechaa akka jiru himan.
Yeroo ammaa Kuusaa galteewwanii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaanitti argamurra qorichaalee kanneen raabsaa jira.
Keemikaaloonni kunneen midhaan osoo hin biqiliin biyyootti kan godhamanii fi erga margee wayita aramaaf gahee kan biifaman ta’uu kaasan.
Akkasumas Ilbiissotaa fi waagii ittisuuf yeroo barbaachisutti qorannoo fi qo’annoorratti qofa hundaa’uun kan tajaajilaniidha jedhan obbo Alamaayyoon.
Bara kana keemikaaloota Birrii biiliyoona 3 oliin bituun galchuu fi galchaa jiraachuu himan.
Ammallee Keemikaaloonni gosti garaagaraa alaa seenaa akka jiru dubbatan.
Haala itti fayyadama isaa ilaalchisee dursa qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf leenjii ni kennama jedhan.
Qorichaaleen gahaan waan dhiyaataniif qonnaan bultoonni yaaddoo malee galteewwan kanneen dhaabbata isaanirra akka bitatan dhaamaniiru.
Federeeshinichi yeroo ammaa Yuuniyeenoota 68, waldaalee bu’uuraa kuma 5 fi 400 miseensota miiliyoona 7 ol hammatan bulchaa jiraachuu eeran obbo Alamaayyoon.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.