Fana: At a Speed of Life!

Fedhii dhiyeessii humnaa indaastiriiwwanii guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017 (FMC)- Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa fedhii dhiyeessii humnaa indaastiriiwwan oomishaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe.

Hogganaan Hariiroo Uummataa dhaabbatichaa obbo Mogas Mokonnin, dandeettii buufata raabsaa humna elektirikaa Gafarsaa guddisuuf buufanni raabsaa humna elektirikaa socho’aan hundeeffame tajaajila kennuu akka eegale dubbataniiru.

Buufanni raabsaa humna elektirikaa socho’aan abbaa kiiloo vooltii 230/15 gara hojiitti gale kun dandeettii buufatichaa gara meegaa waattii 200’tti kan guddisuufi rakkoo adda ciccituu elektirikaa naannawichaa kan hambisu jedhan.

Dhaabbiin buufata socho’aa kun kan hojjetamu iddoowwan humna elektirikaa barbaadan buufataalee raabsaa mataa isaanii hanga argatanittiifi buufataalee Kanaan dura turan wayita hanqinni humnaa mudatu furmaata yeroo kennuuf ta’uus eeraniiru.

Keessumaa dandeettii oomishuu indaastiriiwwanii guddisuuf kan gargaaru ta’uu kaasanii, yeroo itti aanutti fedhii dhiyeessii humna elektirikaa indaastiriiwwanii milkeessuuf xeyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Buufanni raabsaa humna elektirikaa Gafarsaa sararoota jahaan Ejeree, Fichee, Simmintoo Mugar, Gincii, Geedoo, Sabbataa fi Shegoleef humna elektirikaa raabsaa tureera.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.