Fedhii dhiyeessii mana jireenyaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama – Dooktar Rashaad Kamaal
Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC) – Yeroo itti aanu fedhii dhiyeessii mana jireenyaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Manneen Federaalaa Dooktar Rashaad Kamaal.
Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa mataa duree ‘Boqonnaa Haaraan Egeree fooyya’aaf’ jedhuun qophiilee adda addaan kabajaa ture har’a waltajjii guduunfaa gaggeessaa jira.
Kaayyoon ayyaanichaa ciminoota turan itti fufsiisuu fi hanqinaalee turan irraa barachuudha jedhan Dooktar Rashaad Kamaal waltajjicharratti ergaa dabarsaniin.
Korporeeshinichi riifoormee gaggeesseen bu’aa olaanaan galmaa’uu dubbatan.
Waggootan 50’n darban keessa bu’aa ba’ii hedduu keessatti dhaabbatichi milkaa’ina ammaa kana akka galmeessu qaamolee qooda qaban galateeffataniiru.
Yeroo itti aanus fedhii dhiyeessii mana jireenyaa guutuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbachuu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia