Fedhii misoomaa fi nageenyaa ummataa guutuuf ni hojjetama- Obbo Masfiin Malaakuu
Finfinnee, Hagayya 13, 2017 (FMC)- Fedhii misoomaa fi nageenyaa uummataa guutuuf ni hojjetama jedhan Sadarkaa Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastera Magaaloota Oromiyaa obbo Masfiin Malaakuu.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti Pirojektoonni garaagaraa xumuramuun tajaajilaaf banamaniiru.
Sirna eebbicharratti obbo Masfiin Malaakuu, Bulchaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee fi hoggantoonni olaanoon biroo argamaniiru.
Gamoon Waajjira bulchiinsa aanichaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 oliin ijaarame bakka hoggantoonni Naannoo fi godina argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Mootummaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektoota qulqullina, saffisaa fi baay’inaan ijaaraa jira.
Godinicha keessattis rakkoon nageenyaa osoo daangaa hin ta’iin pirojektoota 363 Birrii biliyoona 4 fi miiliyoona 800 oliin ijaaramuun Tajaajilaaf oolaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna cimaa ijaaruun gurmaa’insa haaraa sadarkaa Aanaa fi Gandaatti hojiirra oolcheera jedhan obbo Masfin Malaakuu.
Fedhii misoomaa fi nageenyaa uummanni qabu guutuuf hawaasa waliin qindaa’uun tasgabbii naannichatti argame itichuun pirojektoota fayyadamummaa mirkaneessan ariitii fi qulqullinaan hojjechuun badhaadhina Waloo mirkaneessuuf tokkummaan hojjetamu qaba jechuun ibsuu Waajjirri Kominikeeshinii Godina Horroo Guduruu Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann