Fana: At a Speed of Life!

Fedhii uummataa guutuuf galii haalaan sassaabuun dhimma yeroon kennamuuf miti- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC) – Fedhii uummataa guutuuf galii haalaan sassaabuun dhimma yeroon kennamuuf miti jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Sirna taaksii biyyaalessaa walsimaa uumuun haala taaksiin haqummaafi guddina biyyaalessaa cimsuu danda’urratti qamolee qooda fudhattootaa waliin mariin gaggeeffameera.

Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, riifoormiiwwan biyyaalessaa haala bu’aa qabeessa ta’een hojiirra ooluun sirna sassaabbii galii si’ataafi teeknooloojiin deeggarame diriirsuuf bu’uura kaa’eera.

Hojiileen misoomaa jijjiiramaan argaman wal amantaa guddisuu, guddina diinagdee walitti fufiinsa qabu galmeessuu, hordoffiifi deeggarsa hoggansaa cimuuni fi hubannoon lammiilee guddachuun galiin akka guddatuuf gahee bahachuu eeraniiru.

Barii jijjiiramaa irraa eegalee sadarkaa sadarkaan galiin guddachaa dhufuu yaadachiisanii, lakkoofsi kaffaltoota gibiraa amanamoos dabalaa dhufuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.