Fiigicha gulaallii gufachiisa meetira kuma 3 Atileetoonni Itiyoophiyaa xumuraaf darban
Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti gaggeeffamaa jiruun fiigicha gulaallii gufachiisa meetira kuma 3 dhiirootaan Atileetoonni Itiyoophiyaa xumuraaf darban.
Atileet Lammeessaa Girmaa, Geetinnat Waalaa fi Saamu’eel Firew xumuraaf darbaniiru.
Atileet Lammeessaa Girmaa fi Geetinnat Waalaan ramaddii isaanirraa sadarkaa 2ffaa ba’uun xumuraaf yoo darban, Atileet Saamu’eel Fireew ammoo 3ffaa bahuun xumuraaf darbeera.
Atileet Lammeessaan gufatee kufus qabxii xumuraaf isa dabarse galmeessera.
#Oromia #Ethiopia