Fiigicha gulaallii meetira kuma 5 Atileetonni Itiyoophiyaa 2 xumuraaf darban
Finfinnee, Fulbaana 9, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan fiigicha gulaallii meetira kuma 5’n Hagos Gabrahiwatii fi Biiniyaam Mahaariin xumuraaf darban.
Atileet Kumaa Girmaan osoo hin milkaa’in hafeera.
Gulaallii meetira 800 dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Tsiggee Dhugumaa fi Warqinash Massalaan osoo hin milkaa’in hafaniiru.
Dorgommii hanga ammaatti dorgomameen Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Meetii 2 fi Nahaasii 2n addunyaarraa sadarkaa 17ffaarratti argamti.
#Oromia #Ethiopia