Fiigicha Walakkaa Maaraatoonni Meeksikootti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa injifatan
Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Fiigicha Dorgommii Walakkaa Maaraatoonni Meeksikkoo Guwaadaalaaraatti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa Koorniyaa lamanuu injifataniiru.
Fiigicha Walakkaa maaraatonni dhiirootaan Atileet Gammachuu Didhaa fageenyicha sa’aatii 1 fi daqiiqaa 3 fi seekoondii 38 xumuruun sadarkaa 1ffaa baheera.
Rammaddii dubartootaan immoo Atileet Kololee Makaashuu sa’aatii 1 fi daqiiqaa 12 fi seekoondii 49’n sadarkaa 1ffaan xumurteetti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.