
Fiigicha xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 har’a gaggeeffamuun Atileetoonni Itiyoophiyaa ni eegamu
Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) –Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti dorgomamaa jiruun fiigichi xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 har’a dhiirotaa gidduutti ni gaggeeffama.
Atileet Lammeechaa Girmaa, Geetinneet Waalee fi Saamu’eel Fireew Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni morkatu.
Figichi kun waaree booda sa’aatii 9:55 irraa eegalee fiiggama.
#Oromia #Ethiopia