Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa akka guddatuuf ni hojjenna- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Fiigichi Guddaan Itiyoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti akka guddatuuf ni hojjenna jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, fiigicha jaallatamaafi waggoottan 25 darbaniif haala miidhagina qabuun gaggeeffamaa ture Fiigicha Guddaa Itiyoophiyaa eegalchiisneerra jedhan.
Fiigichi guddaan Itiyoophiyaa daa’immanii hanga gaheessotaa, atileetota piroofeeshinaalaa hanga garee fayyaa, namoota beekamoofi dippiloomaatota hirmaachisuun waggoottan 25’f magaalichatti haala ho’aa ta’een gaggeeffamaa akka tures yaadachiisaniiru.
Hirmaattonni dorgommichaa bashannanaa fayyumma isaanii ittiin eeggataa, akkasumas obbolummaafi walooma kan cimsan ta’uu eeraniiru.
Bulchiinsi magaalichaa yeroo itti aanutti dorgommichi akkuma dorgommiiwwan daandiirraa idil-addunyaa biroo akka guddatuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Qaamolee dorgommichi akka milkaa’uuf qooda bahatan hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.