Fiigichi xumuraa umrii waggaa 18 fi 20 gadii dorgomame
Finfinnee, Caamsaa 20,2017 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa umrii wagga 18 fi 20 gadii magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffamaa jiruun fiigichi xumuraa meetira kuma 5 dubartootaa umrii waggaa 20 gadii har’a dorgomameera.
Fageenya kanaan Atileet Gammannee Maammitee Magaalaa Shaggar irraa 1ffaa yoo baatu, Atileet Maastawaal Muhabbaa Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Atileet Alaminash Xilaayee immoo Akkaadaamii Ispoortii Afran Qalloo irraa 3ffaa bahuun xumuraniiru.
Fiigicha meetira 800 dubartoota umrii waggaa 20 gadiitiin ammoo Atileet Asteer Ariiree Korporeeshiinii Ijaarsaa Oromiyaa irraa 1ffaa, Atileet Algaanash Maarimaa Akkaadaamii Xurunash Dibaabaa irraa 2ffaan yoo xumuran, Atileet Shuree Jaarsoo immoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa irraa 3ffaa bahuun xumurteetti.
Dorgommii fiigicha meetira 800 dhiirotaa umrii waggaa 20 gadiin immoo Atileet Taganee Wondimmeeneh Taantaa irraa 1ffaa yoo bahu, Atileet Umar Hasan Akkaadaamiii Ispoortii Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Atileet Sixootaa Daawit immoo Akkaadaamiii Ispoortii Itiyoophiyaa irraa sadarkaa 3ffaan xumureera.
Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 2 dubartoota umrii waggaa 20 gadiin Atileet Badhaatuu Shibbiruu Magaalaa Shaggar irraa 1ffaa yoo baatu, Atileet Addisee Alamuu Tantaarraa 2ffaa, Atileet Bilisummaa Tashoomaa immoo Magaalaa Shaggar irraa 3ffaa baateetti.
Atiletota kanneeniif badhaasni meedaaliyaa fi mallaqaa kennameera.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.