Filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf hojiileen qophiin duraa eegalaman
Finfinnee, Caamsaa 25, 2017(FMC) – Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf hojiileen qophiin duraa eegalamaniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.
Boordichi hojiilee qophiin duraa filannoo marsaa 7ffaafi dhimmoota kaan irratti midiyaaleef ibsa kennaa jira.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaatewarq Hayiluu ibsa isaaniin, hojiileen qophiin duraa hojjetaman bara 2018 filannoo gaggeessuuf karoorsuuni jedhan.
Boordichi qorannoo filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun gaggeesseen karoora tarsiimawaa waggoota shanii qopheesuu kaasanii, muuxannoowwan galtee ta’an argamuufi dhimmoota fooyya’uu qaban irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifamuu hubachiisaniiru.
Wixinee labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaateen adeemsi filannoo tuttuqaarraa bilisa karaa ta’een akka gaggeeffamuuf karoorri qabameera.
Hojiin buufataalee filannoo haalaan adda baasuufi to’achuu dandeessisu hojjetamaa jiraachuufi naannolee garaagaraatti hojiin buufataalee filannoo kuma 12 adda baasuu hojjetamuu kaasaniiru.
Qormaanni raawwachiistota buufata filannoo karaa onlaayinii kennama jedhan.
Wayita filannoo maanuwaaliin oppireeshinii sochii tokkoon tokkoo ogeessa agarsiisu qophaa’uus ifoomeera.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.