Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf qophii dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii…

Finfinnee, Mudde 6, 2018 (FMC)- Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan karaa naga qabeessaafi dimookiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf dhaabbileen nageenyaafi tasgabbii qophii eegalaniiru jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el.

Kitaabni Ajajaa Waligalaa Qajeelcha Poolisii Naannoo Amaaraa Dooktar Komishinar Zalaalem Mangisteen mata duree “ Nageenyummaa Filannoofi Gahee Dhaabbilee Nageenyaa” jedhuun barraa’e guyyaa har’aa eebbifameera.

‌‌‎Saganticharratti Itaamaajoor Shuumii Itti aanaa Humnoota Waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, hoggantoonni olaanoon mootummaa, abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaafi keessummoonni biroon argamaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana dhaabbilee nageenyaa irratti riifoormiin bu’aa qabeessi gaggeeffamuu ibsan.

Riifoormiin kun dhaabbileen nageenyaa bilisummaafi karaa namoomaan biyya isaanii akka tajaajilan dandeessisuu eeraniiru.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan karaa naga qabeessa, dimookiraatawaafi hunda hammataa ta’ee akka gaggeeffamuuf qooda olaanaa bahachuus yaadachiisaniiru.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaanis karaa naga qabeessa, dimookiraatawaafi hunda hammataa ta’een akka gaggeeffamuuf qophiin eegalamuu ibsaniiru.

Dooktar Komishinar Zalaalem Mangistee gamasaaniin, sirna dimookiraatawaa ijaaruufi aangoo mootummaa qabachuun kan danda’amu filannoo qofaani jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Filannoon biyyaalessaa itti aanu karaa naga qabeessaafi dimookiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf gaheen dhaabbilee nageenyaa olaanaa ta’uus hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.