Filannoo marsaa 6ffaarratti hirmaachuuf maqaan paartilee kaadhimamtoota dhiyeessanii ifoome
Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Filannoo marsaa 6ffaarratti hirmaachuuf maqaa paartilee kaadhimamtoota dhiyeessanii ifoomeera.
Boordichi yeroon galmee kaadhimamtootaa xummuramuu ilaalchisee ibsa laateera.
Paartilee beekkamtii seeraa argatan 53 keessaa paartileen 49 mallattoo dorgommii filaannoo fudhachuu isaanii ibseera.
Paartileen 47 ammoo kaadhimamtoota galmeessisuu isaanii himeera.
Paartii Sosochii Bilisummaa Oromoo, Paartii Badhaadhinaa, Paartii Federaalawwa Diimookraatwaa Tokkummaa Ityoophiyaa (madarak) dabalatee paartileen 47 kaadhimamtoota 8 fi 209 galmeessisuu boordichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.