Fana: At a Speed of Life!

Filannoo nagaa, haqa qabeessaafi diimookiraatawaa gaggeessuuf qophiin taasifameera- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Mootummaan filannoo waliigalaa 7ffaa nagaa, haqa qabeessaafi diimokitraatawaa ta’e gaggeessuuf qophii taasiseera jedhan Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon.

Waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Obbo Taaggasaa Caafoon wayita kana waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa nageenyaafi misooma waaraa mirkaneessuun hawaasa siyaasaafi diinagdee tokko ijaaruuf murteessaadha jedhan.

Waltajjii Kanaan qophii filannoo waliigalaa 7ffaafi gahee manneen maree, sanada xiinxalaafi qorannoo baajata paabilik fi faayinaansii akkasumas sanada oodiitii seeraa irratti akka mari’atamu ibsaniiru.

Mootummaan filannoo waliigalaa 7ffaaf haala mijataa uumuuf dhiyeessii galteefi gahee isaa ilaachisee marii gaggeessuu dubbataniiru.

Mootummaan filannichi nagaa, haqa qabeessaafi dimookiraatawaa ta’ee akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisuu eeraniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataafi manneen maree naannolee filannoo bara kanaa kan marsaa 6ffaarra haala fooyyee qabuun raawwachuuf gahee qindeessummaa isaanii gahumsaan bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Filannicha milkeessuuf dandeettii keenya ijaaruu qaban jedhanii, waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa kanaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa riifoormiiwwan hedduu taasisuu eeruun, hordoffiifi to’annoo akkasumas bakka bu’ummaa uummataa haalaan bahachuuf hojii dandeessisu hojjechaa jira jechuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.