Fana: At a Speed of Life!

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee qophoofneerra – Jiraattota Godina Shawaa Lixaa

Finfinnee, Bitooteessa 8, 2018 (FMC) – Filannoo waliigalaa,marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf kan nu dandeessisu kaardii filattootaa fudhanneerra jedhan jiraattonni Godina Shawaa Lixaa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoon waliigalaa bara 2018 gaggeeffamu dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf hojjechaa jira.

Galmeen filattootaa Guraandhala 28, 2018 eegalee gaggeeffamaa jira.

Hawaasni mootummaa naaf ta’a jedhu filachuuf kaardii filannoo buufata filannoo irraa fudhachaa jiru.

Godinichattis galmeen filaattootaa karaa dijitaalaa fi buufataaleen gaggeeffamaa jira.

Jiraattonni Godina Shawaa Lixaa Aanaalee adda addaa akka himanitti, filannoo waliigalaa dhufu irratti mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf kaardii filannoo fudhachuun qophii taasisa jiru.

Filannoon kun ijaarsa Dimokiraasii biyya kana keessatti dagaaksuuf murteessaa waan ta’eef dirqama lammummaa itti gaafatamummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru.

Filannoon waliigalaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf dargaggoonni Godinichaa gahee isaanii kan bahatan ta’uu himuu kominikeeshiniin Godinichaa Faanaa Diijitaaliuf ibseera.

Tsahaay Gulummaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.