Filannoon Biyyaalessaa marsaa 7ffaan Caamsaa 24 gaggeeffama
Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gabaatee yeroo Filannoo bara 2018 ifoomseera.
Haaluma kanaan Boordichi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf guyyaan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24, 2018 ta’uu beeksiseera.
Boordiin Filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 7ffaa bara kana Caamsaa 24 gaggeeffamu ilaalchiisee ibsa miidiyaaleef kenneera.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaatawarq Hayiluu ibsa kennaniin, filannoo bara kanaaf qophiin haalduree taasifamaa turuu ibsaniiru.
Boordichi galteewwan filannoof barbaachisan walitti qabaa turuus himaniiru.
Boordichi qorannoo filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun gaggeesseen karoora tarsiimawaa waggoota shanii qopheesuu kaasanii, muuxannoowwan galtee ta’an argamuufi dhimmoota fooyya’uu qaban irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifamuu hubachiisaniiru.
Wixinee labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaateen adeemsi filannoo tuttuqaarraa bilisa karaa ta’een akka gaggeeffamuuf haal dureen barbaachisu xumuramu kaasaniiru.
Hojiin buufataalee filannoo adda baasuu fi to’achuu dandeessisu hojjetamuu fi paartilee siyaasaa dorgoman waliin mariin taasifameras jedhan.
Gabateen yeroo filannoo boordichaan raggaasifame kan ifoome yoo ta’u qaamni hunduu yeroo kennameef keessatti hojilee hojjetamuuf adda baafaman akka raawwatuuf gahee isaa bahaachuu akka qabu Aadde Meelaatawarq Hayiluu ibsa kennaniin hubachiisaniiru.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.