Fana: At a Speed of Life!

Filattoonni miiliyoonni 36 fi kumni 900 ol galmaa’an – Boordicha

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) -Hanga Bitootessa 24tti filattoonni miiliyoonni 36 fi kumni 900 fi kumni 71 ol filannoo waliigalaa 7ffaaf galmaa’an jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.

Galmooftoota keessaa miiliyoonni 20 fi kumni 100 fi kumni 22 dhiira yoo ta’an, miiliyoonni 16 fi kumni 800 fi kumni 49 ol ammoo dubartoota ta’uu ibse.

Adeemsi galmees karaa diijitaalaa fi waraqaan gaggeeffamaa jira.

Akkaataa gabatee yeroo boordichaan guyyaan galmee filattoota Bitootessa 28 xumurama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.