Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen magaalaa jiraattoota ishee kunuunsitu ni taati – kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Mudde 29, 2018 (FMC) – Finfinneen magaalaa jiraattoota ishee kunuunsitu ni taati jedhan kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanechi Ayyaana Qillee Sababeeffachuun Giddugala soora Tasfaa Birihaan Gullalleetti argamuun harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.

Aadde Adaanechi wayita kana, magaalaan Finfinnee jiraattota ishee kan kunuunsitu ni taati, giddugalli akkanaa ijaaramanis kanaaf agarsiistuu dha jedhan.

Ayyaanni Qillee ayyaana jaalalaa ta’uu isaatiin maaddii qooduun jaalala jiraattotaaf qabnuuf agarsiistuu tokkoo dha jedhan.

Sagantaan maaddii qooduu kun giddugaleeyyii 26 hundatti raawwatamuu ibsanii, torban kana manneen jireenyaa 381 jiraattota harkaqaleeyyiif kennamuu eeraniiru.

Jamaal Ahimaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.