Finfinneetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 3 irraa miidhaa cimaan qaqqabe
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC) – Balaa Tiraafikaa har’a Finfinnee Kutaa Maagaalaa Lammii Kuraatti mudateen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 3 irraa miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera.
Ganama naannawaa sa’aatii 1:00 Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa aanaa 13 bakka addaa addabaabayii ‘Yetabaabbaruutu’ jedhamutti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoota 3 irra miidhaan qaamaa cimaan gahuu Itti Gaafatamaan Hariiroo Ummataa Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Toomaas Isheeteen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia