Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hoteelonni 11 sadarkaa abbaa urjii 5 argatan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2017(FMC) – Ministeerri Tuuriizimii Magaalaa Finfinneetti hojii hoteelota sadarkeessuu gaggeesseen hoteelonni 40 sadarkaa urjii argataniiru.

Hoteelota 40 sadarkaa urjii argatan keessaa 34 buleeyyii 6 ammoo haaraadha.

Hoteelonni 15 ammoo sababoota garaagaraan sadarkaan urjii isaanii irraa fuudhameera.

Hoteelota sadarkaan urjii kennameef keessaa hoteelonni 11 abbaa urjii 5, hoteelonni sagal abbaa urjii 3, hoteelonni 11 abbaa urjii 4, hoteelonni torba abbaa urjii 2 fi hoteelonni lama abbaa urjii 1ti.

Sadarkaan kenname kun waggoota sadiif tajaajila.

Sadarkeessi hoteelotaa kun  tuuristoota kan hawwatuufi tuurizimii konfiransii magaalichatti babal’achaa dhufe kan deeggarudha.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.