Finfinneetti qabiyyee lafaa kaadaasteraan galmeessuu…
Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti qabiyyee lafaa hojiin kaadaasteraan galmeessuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Ejansiin Galmeessa Odeeffannoo Qabiyyee Lafaa.
Adeemsa galmee kana saffisiisuuf hojiin teeknooloojiin deeggarame hojjetamaa jira jedhan Daayrekterri Olaanaan Ejansichaa obbo Tasfaayee Xilahuun.
Hojmaata badaa hambisuuf teeknooloojii fayyadamuun tajaajilli onlaayiniin kennamaa akka jiru eeran.
Teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchuu dabalataan ogeeyyii ogummaa, namuusa gaarii qabanii fi amanamummaan hawaasa tajaajilan hojiin horachuu cimee itti fufa jedhan.
Bara 2007 eegalee naannawaa 337tti cittuuwwan lafaa kumni 200 fi kumni 91 fi 160, akkasuma qabiyyeewwan kumni 500 fi kumni 29 fi 926 mirkanaa’uu dubbatan.
Qabiyyeewwaan kumni 400 fi kumni 50 fi 491 galmee Kaadaasteraaf qophaa’uu eeran.
Guyyaa har’aa ogeeyyiin leenjii Kaadaasteraa fudhatan 215 eebbifamuu obbo Tasfaayeen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.