Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti taarifa Geejjibaarratti fooyyeessi gatii taasifame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) –Biiroon Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Sirreeffama gatii gurgurtaa boba’aarratti taasifame hordofee gatii taarifaa geejjibaa fooyyeesseera.

Fooyyeessiin taarifaa haaraan Bitootessa 7, 2018 irra eegalee hojiirra kan oolu ta’uu ibsuun, fooyyeessiin taasifame Awutoobisoota magaalaa, Miinibaasiiwwan, Miidbaasii fi Baajaajii kan of keessatti hammatedha jedheera.

Haaluma kanaan dhaabbileen, abbootii qabeenyaa, waldaalee fi namoonni dhuunfaa tajaajila geejjiba ummataa kennan hundi miira tajaajilaatiin hawaasa akka tajaajilan Biirichi gaafateera.

Ummanni konkolaachiiftota tajaajilicha karaa sirrii ta’een hin kenninee fi taarifa ba’een ala kaffalchiisan wayita argu eeruu akka kennuus hubachiiseera.

karaa bilbila bilisaa 9417 yookiin waajjiraalee damee Geejjibaa magaalichaatti eeruu akka kennan ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.