Fooramiin Biiznasii Afrikaa 9ffaan Finfinneetti gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Guraandhala 9, 2018 (FMC) – Fooramiin Biiznasii Afrikaa 9ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Fooramichi mata duree ‘Egeree Afrikaa Faayinaansiin tumsuu, hojii fi Innooveeshinii ce’umsa waaraaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Fooramicharratti Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Hoggantoonni olaanoo dhaabbilee, abbootiin qabeenyaa, taatoonni damee dhuunfaa fi tumsitoonni misoomaa argamaniiru.
Kaayyoon Fooramichaa diinagdee dargaggoota Afrikaa guddisuuf barbaachiisoo kan ta’an madda faayinaansii, michummaa fi Invastimantii hawwachuufi jedhame.
Hudhaalee damee Indaastirii diijitaalaa, Intarpiraayizii xixxiqaa fi giddugaleessaa akkasumas kalaqaarra jiru furuun kaayyoo fooramichaa biroo ta’uun eerameera.
Fooramichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.