Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Idil-addunyaa “Invast Itiyoophiyaa” gaggeeffamaa jira

Finfinnee Caamsaa 4, 2017 (FMC)- Fooramiin Idil-addunyaa “Invast Itiyoophiyaa 2025” magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Sagantaa baniinsa fooramichaa irratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Astiqasillaasee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa, invastaroonni idil-addunyaa, dippiloomaatonni, deeggartoonni misoomaafi keessummoonni biroon argamaniiru.

Fooramiin kun tumsa dhaabbilee mootummaa, damee dhuunfaafi deeggartoota misoomaan kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Xiyyeeffannoon fooramichaa filmaatawwan invastimantii beeksisuufi guddina diinagdee Itiyoophiyaa saffisiisuu akka ta’es himameera.

Fooramichaan qaamoleen qooda fudhattootaa diinagdee Itiyoophiyaa jijjiiramaa jirurratti ni mari’atuun eegama.

Kana malees hirmaannaa dameen dhuunfaa diinagdee biyyattii keessatti qabu guddisuuf haala tumsa mootummaafi damee dhuunfaa cimsuun danda’amurratti mariin akka gaggeeffamu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.