Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsa diinagdee gooroo waaressuuf hirmaannaan damee dhuunfaa guddachuu qaba- Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen fooyya’iinsa diinagdee gooroo hojiirra oole waaressuufi hirmaachisaa taasisuuf hirmaannaan damee dhuunfaa guddachuu akka qabu hubachiisan.

‎Yaa’iin Faayinaansii Itioyoophiyaa gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi tumsa damee dhuunfaafi mootummaa cimsuuf, kallattii imaammataarratti hubannoo cimsuufi carraalee invastimantii sakatta’uuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

‎Obbo Ahimad Shideen yaa’icharratti akka jedhanitti, jijjiirama qabatamaa fooyya’iinsi diinagdee gooroo damee faayinaansii irratti fide itti fufsiisuuf gaheen damee dhuunfaa barbaachisaadha.

‎Hirmaachisummaan damee faayinaansii, dhiyeessiin liqii fooyya’uuniifi riifoormiin invastimantii hojiilee gama kanaan hojjetaman ta’uu eeraniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu gamasaaniin, fooyya’iinsi diinagdee gooroo tasgabbaa’aan akka jiraatuuf sochiin mootummaan taasisu qofti gahaa akka hin taane ibsaniiru.

Dameewwan faayinaansii, qonnaa, indaastiriifi kanneen biroorratti hirmaannaan dameen dhuunfaa taasisu diinagdee waaraafi amansiisaa ijaaruuf shoora olaanaa qabaachuus himaniiru.

Miikiyaas Alamuutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.