Fooyya’iinsa qajeelfamoota sharafa alaa ilaalchisee ibsa Baankii Biyyaalessaa irraa kenname
Finfinnee, Guraandhala 4, 2018(FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa rifoormiin Dinagdee Maakiroo guutummaatti erga hojiirra ooluu eegalee Adoolessa 2016 irraa eegalee fooyya’iinsa gabaa sharafa alaa guddisuu danda’an hojiirra oolchaa tureera.
Yeroo ammaa kanas gabaa sharafa alaa caalmaatti guddisuuf jecha qajeelfamoota sharafa alaa irratti fooyya’iinsa itti aanan hojiirra oolchuu beeksiseera.
1. Ergitoonni tajaajilaa sharafa alaa daldala biyya alaarraa argatan guutummaatti daangaa yeroo tokko maalee akka qabatan eeyyamameera.
2. Baankonni maamiloota isaanii sharafa alaa qabaniif gabaa eleektirooniksii dabalatee kaffaltii biyya alaaf kan tajaajilu kaardii idil addunyaa qopheessuu akka danda’an eeyyamameera.
3. Maamilli baankii herrega sharafa alaa qabu kamuu sanada seera qabeessa baankii itti baneef dhiyeessuun sharafa alaa fayyadamee ijoollee fi hidhata gaa’elaa isaaf kaffaltii barnootaa, yaala fayyaa fi imalaa raawwachuu danda’a.
4. Dhaabbanni bu’aaf hundaa’e kamuu, maddi sharafa alaa isaa sharafa alaa daldala alaarraa argamu utuu hindabalatin, gargaarsa/kennaa ykn madda biraa sharafa alaarraa kan argame ta’uun yoo mirkanaa’e, herrega sharafa alaa sochootuu, qusannaa fi yeroon daangeffamu banachuu ni danda’a.
5. Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa doolaarri xiqqaan 100 kanaan dura qusannaa sharafa alaa banachuuf gaafatamaa turan akka hafu ta’eera.
6. Dhaabbileen haala kaappitaala hir’ifamaa isaanii Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmeessisuun kaappitaala hir’ifamaa biyya alaa kan biraatti dhangalaasuu akka danda’an eeyyamameera.
7. Namni Itiyoophiyaa keessa jiraatu kamuu sharafa biyya alaa gara biyyaatti fudhatee gale kamuu sanada gumurukaa malee baankotaa fi biirolee gabaa sharafa alaa seera qabeeyyiitti gara birriitti jijjiirrachuu ykn gara herrega sharafa alaatti galchuun kaawwachuu danda’a.
8. Itiyoophiyaanonni sanada seera qabeessa baankiif dhiyeessuun sharafa alaa hammi isaa doolaara kuma 3 hincaalle firoottan isaanii biyya alaa jiraataniif sirni ittiin dabarsuu danda’an eeyyamameera.
9. Baankonni gabaa sharafa alaa ‘forward’ mirkaneessa Baankii Biyyaalessaa malee geggeessuu akka danda’an eeyyamameera.
10. Inveesteroonni kallattii biyyoota alaa, embaasonni fi dhaabbileen idil addunyaa biyya keessatti hojjetan dhaabbilee gargaarsaa dabalatee mirkaneessa Baankii Biyyaalessaa malee herrega sharafa alaa banachuu ni danda’u.
11.Hojiin liqaa alaa bifa maallaqaan gara biyyaatti dhaabbileen fidanii fi liqaa saappilaayerii karaa ulaagaalee qajeelfama sharafa alaa hordofeen guutummaatti baankotaan akka raawwatamu eeyyamameera.
12. Dhaabbanni alergiin daldala alaa irratti bobba’e kamuu qaama alaa kamirraayyuu waliigaltee kaffaltii dursaa raawwachuu fi sanada waliigaltee qaamoleen lamaan raawwatanii baankii maamila dhaabbata alergii sanaaf dhiyeessuun kaffaltii dursaa raawwachuu danada’a.
13. Dabalataanis, galiin sharafa alaa kaffaltii daldala alaa gara fuula duraaf akka kaffaltii dursaatyi kan fudhatamu (a) waliigaltichi kan bitu eeruuf yaadamee “kaffaltiin dursaa daldala ba’ii ykn galii gara fuula duraaf kan oolu” ykn (b) shaqaxoota fuulduratti gara alaatti ergaman yoo tarreesse ykn lakkoofsi naga’ee yoo eerame ykn lakkoofsi sanada waliigaltee gabaa(bittaa fi gurgurtaa) naga’ee sharafa alaa ergamu irratti yoo eerame qofa ta’a.
14. Baankonni kaappitaala isaanii keessaa %10 kan hincaalle wabummaa liqaa biyya alaa damee dhuunfaaf kennuu akka danda’an eeyyamameera.
15. Baankonni xalayaa mirkaneessituu dhaabbanni alaa kennuu fi gaaffii maamilli dhiyeessu irratti hundaa’uun dhimma tokkoof sharafa alaa hanga doolaara Ameerikaa kuma 20 ykn maallaqa biyya biraa kana madaaluu kan hincaalle yaalaa fi barnootaaf baasii Viizaa fi tikeeta xiyyaaraa malee kaffaltii dursaa raawwachuu ni danda’u.
16. Mirkaneessa Baankii Biyyaalessaa kamuu malee inveesteroonni biyya alaa akkaataa qajeelfama sharafa alaa Baankichaan sanada barbaachisu baankotaaf dhiyeessuun akkasumas baankonni sanada dhiyaate akka qajeelfamichaatti guutamuu isaa mirkaneessuun sharafa alaa bifa qoodiinsa bu’aatiin argatan akka biyyaa baasuu danda’an eeyyamameera.
17. Fedhii maallaqaa biirolee gabaa sharafa alaa caalmaatti guddisuuf jecha maallaqni hinsochoone Baankiin Biyyaalessa yeroo eeyyama kennu qabatu biiroolee waggaa tokkoofi isaa oliif hojiirra jiraniif birrii miliyoona 30, akkasumas biiroolee yoo xiqqaate ji’a ja’aaf hojiirra jiraniif birrii miliyoona 15 ni deebisaaf.
18. Maallaqni callaan sharafa alaa Biirooleen gabaa sharafa alaa harkatti qabachuu danda’an duraan kaappitaalamisaanii keessaa %10 qofa kan ture amma gara %25tti fooyya’eera.
Maallaqa sharafa alaa kanaan ol ta’e baankotatti gurguruu qabu.
19. Biiroleen sharafa alaa hundi sanada barbaachisu gaafachuun viizaaf, paaspootiifi haaromsa eeyyamaaf gurgurtaa sharafa alaa callaa akka raawwatan eeyyamameeraaf.
#Oromia #Ethiopia