Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsi Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa geggeesse tajaajila fooyya’aa kennuuf isa gargaareera

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017 (FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa tajaajila fooyya’aa kennuuf rifoormiiwwan adda addaa gegeessaan jira jedhe.

Tajaajilichi miidiyaalee waliinis mari’ateera.

Hoji-raawwachisaan Kominikeeshinii Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa Anwaar Abraar akka himanitti rifoormiin taajajjilichi hojiirra oolchaa jiru maamiltoota qulqullinaan tajaajiluu kan dandeessisuu dha.

Rifoormichi akka milkaa’uuf miidiyaaleen ittigaafatama guddaa akka qaban kaasan.

Hoji-raawwachiisaan Bulchiinsa Qulqullinaa fi Adeemsaa Tajaajilichaa Issuubaalawu Xeenaawu gama isaaniin humna addaan hinciccinne uummataan ga’uu fi maallaqa ga’aa walitti qabuuf rifoormichi qooda guddaa qaba jedhan.

Rifoormichi bu’aa barbaadame akka fiduufis tajaajilichi miidiyaalee waliin walitti dhiyeenyaan hojjetaa himaniiru.

Tajaajilichi iftoominaa fi ittigaafatamummaa mirkaneessuun tajaajila fooyya’aa kennuu akka qabus ogeeyyiin miidiyaalee hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.