Fana: At a Speed of Life!

Fooyyeessii diinagdee gooroo guddina Itiyoophiyaaf murteessaa ta’e…

Finfinnee, Guraandhala 2, 2018(FMC) – Guddina diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf gaheen fooyyeessii dinagdee gooroo olaanaadha jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi.

Yaa’iin biyyoota saffisaan guddataa jiranii tumsa Saa’ud Arabiyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Dooktar Iyyoob Takkaalliny yaa’icharratti akka jedhanitti, fooyyeessiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite gahee olaanaa bahachaa jira.

Guddina diinagdee itti fufsiisuuf fooyyeessichi gahee olaanaa qabaachuu eeruun, kanaanis guddinni Itiyoophiyaatti galmaa’e agarsiiftuudha jedhan.

Bara baajataa kanas Itiyoophiyaan guddina diinagdee abbaa dijitii lamaa galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Yaa’icharratti Ministiroonni Faayinaansii biyyoota garaagaraa fi Bulchitoota Baankii Giddugaleessaa dabalatee hoggantoonni olaanoo dhaabbilee dhuunfaa argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.