Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessiin diinagdee gooroo galii Itiyoophiyaan daldala alaarraa argattu guddise- Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Fooyyessiin diinagdee gooroo galii Itiyoophiyaan daldala alaarraa argattu guddiseera jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.

Ministeerichi qaamolee qooda fudhattootaa waliin gabaasa diinagdee gooroofi fooyya’iinsa caaseffamaa baatiiwwan 18 irratti mari’achaa jira.

Obbo Ahimad Shideen wayita kana fooyyessiin diinagdee gooroo dameewwan ijoo irratti bu’aa argamsiisuu eegaluu eeruun, qaala’iinsi gatii akka hir’atu, daldalli alaa akka guddatuufi invastimantiin akka babal’atu carraa uumuu ibsaniiru.

Bara faranjootaa 2023-2024’tti Itiyoophiyaan daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 3.08 argachuu yaadachiisanii, bara 2024- dhuma 2025’tti ammoo Doolaara biiliyoona 8.33 argachuu ibsan.

Fooyyessiin diinagdee mandhalee rakkoolee caaseffamaa dameewwan faayinaansii, daldalaa fi kanneen biroon turan hambisuun guddina diinagdeef haala mijataa uumuus dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan gama isaaniin, fooyya’iinsi diinagdee damdaneessi diriirfame guddinni diinagdee biyyattii saffisa amansiisaa irratti akka argamu taasiseera jedhan.

Qabiinsi odeeffannoo diijitaalaa bu’aa qabeessa kan itti ta’ee fi qindoominni dhaabbilee kan itti mul’ate ta’uus kaasaniiru.

Itiyoophiyaan gama ogeeyyii gahumsa qaban horachuun sirnaafi bu’aa qabatamaa galmeessuu isheef gabaasichi akeektuudha kan jedhan ammoo Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi.

Hojii kana cimsuun fayyadamummaan hawaasaa akka mirkanaa’uufi galmi qabame akka milkaa’uuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Kibrawasan Nuuruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.