Gaafa carra argannee ummata bulchinu, ummaticha rakkisuu fi malaammaltummaan boochisuufii miti – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaafa carra argannee ummata kana bulchinu lafa ummataa gurguruu, ummata rakkisuufi malaammaltummaan boochiisuufi miti jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ta’uun Qa’ee Moodela Qindaa’aa Tulluu Araaraa eebbisuun dabarsanii kennaniiru.
Dooktar Abiy sagantaa kanarratti haasawaa taasisaniin, mul’ata biyya kana jijjiiruu fi badhaadhina dhugoomsuuf qabame milkeessuuf hojiileen heddu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Mul’ata kanneen dhugoomsuuf bakkeewwan hundatti hanqinni jalqabaa fi inni tokko manneen jireenyaati jedhan.
Hanqina manneen jireenyaa magaalaafi baadiyyaa furuuf inisheetivoonni adda adda bocamuu kaasan.
Manneen jiranis bu’uuraaleen misoomaa barbaachiisoon kan hin guutamneef ta’uu himaniiru.
Magaaloonni keenya jijjiiramuu eegalaniiru kan jedhan Dooktar Abiy, baadiyyaa ceesisuu yoo hin dandeenye jiruuf jireenya qonnaan bultoootaa fooyyeessuu hin dandeenyu jedhan.
Manneen jireenyaa moodeela akkanaa ijaaruun manneen jiruuf mijata ta’an saawwaniifi namoonni gargar kan jiraatan yoo ta’e, jireenyi ummata baadiyyaa ni fooyya’a jedhan.
Qondaaltoonni mootummaa baajata mootummaan ala namoota garagaraarraa maallaqa sassaabanii ummata isaaniif waan fooyya’aa ijaaruu danda’uun jalqabbii gaarii ta’u eeran.
Dooktar Abiy gaafa carra argannee Ummata bulchinuu, lafa ummata gurguruu ummata rakkisuufi malaammaltummaan uummata boochiisuufi miti kadhannee namoota rakkataniifi dadhaboo gargaaruu danda’uun akka siyaasaatis akka waaqatis gaariidha jedhan.
Namoonni bakkeewwan garaagaraa bulchitan aangoon kun ni deema, akka deemuu beeknee hojjennee darbu qabna jechuun dhaamaniiru.
Laphee fi harka keenya qulqulluun hojjennee darbuu qabnas jedhan.
Waliin taanee ida’amnee inni humna qabu humnaan, inni maallaqa qabu maallaqa isaan, inni beekumsa qabu beekumsa isaan wal gargaaruun wal wajjiin dhabbachuu yoo dandeenye jiruuf jireenya ummata keenya ni jijjiirra jedhan.
Kun caalmaatti akka itti fufuuf nageenyaafi tasgabbii keenyaa eegsisuun guddachuu dandeenya jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.