Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa idil addunyaa taasisuuf dippiloomaasii cimaan hojjatame- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC )- Gaaffii karra galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa idil addunyaa taasisuf hojiin dippiloomaasii bu’aa qabeessa hojjatameera jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Dooktar Geediyoon yaa’ii idilee 34ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti gaaffiilee miseensonni Mana Marichaa dhiyeessaniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Deebii isaaniin, Dippiloomaasiin Itiyoophiyaa taarsimoo fi qajeeltoo biyyoota ollaaf dursa kennu kan hordofuudha jedhan.

Haaluma kanaan biyyoota ollaa wajjin walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa,daldalaa fi invastimantii fi nageenya waloorratti dippiloomaasiin cimaan hojjetamuu hubachiisaniiru.

Dippiloomaasii lammiilee irratti xiyyeeffateen baatiwwan saglan darban qofa biyyoota Afrikaa fi Baha Giddugaleessaatti lammiileen haala rakkisaa keessa turan kuma 92 ol gara biyyaatti deebisuun danda’amuu kaasaniiru.

Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa dursuun humnoota naannawichaa fi dhaabbiilee tumsitoota idil addunyaa waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Gaaffi karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaa ajandaa idil addunyaa taasisu kan dandeessise dippiloomaasii cimaan hojjetamuus hubachiisuu TOI gabaaseera.

Gaaffii karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaaf adeemsi dippiloomaasii eegalame hanga milkaa’utti seerota idil addunyaa fi qajeelfama kennanii fudhachuu hordofuun hojjechuun barbaachiisadha jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.