Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qajeeltoo fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’edha- Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qajeeltoo fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’edha jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Dooktar Alamuu Simeen Dura Teessuu Paarlaamaa Turkeeministaan Duuniyaagoozaal Guulmaanoovaa waliin tumsa ulaa galaanaa irratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo paarlaamaafi walitti hidhamiinsa naannawaa fayyadamuun rakkoolee misoomaa ulaa galaanaa dhabuun uumaman haala injifachuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii haala teessuma lafaa qofa osoo hin taane daldala, nageenyaafi badhaadhinaaf gufuu ta’uu kaasaniiru.

Dooktar Alamuu Simeen, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qajeeltoo fayyadamummaa waloo irratti kan hundaa’e, karaa nagaa, dippiloomaasiifi seeraan kan hogganamuufi furmaata badhaadhina naannawichaa ta’uu ibsaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii madda humnaa qofa osoo hin taane wabii bishaanii mirkaneessuuf, guddina indaastirii saffisiisuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu kan dandeessisu ta’uus eeraniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa tattaaffii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaa ittisuufi misooma waaraa mirkaneessuuf taasistu ta’uu kaasaniiru.

Turkeeministaanitti Ambaasaaddarri fi ergamaan addaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Jamaal Bakar gamasaaniin, Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa ishee bu’uura seera idil-addunyaan karaa nagaafi dippiloomaasiin gaafachuu itti fufti jedhan.

Dura Teessuun Paarlaamaa Turkeeministaan Duuniyaagoozaal Guulmaanoovaan, seerri idil-addunyaafi hammattoon daldalaa addunyaa amma jiru saaxilamummaa biyyoota ulaa galaanaa hin qabnee ilaalcha keessa kan hin galchine ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne waltajjiiwwan idil-addunyaarratti ejjennoo waloo qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Biyyoonni kunneen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii , Dhaabbata Daldalaa Addunyaafi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroorratti tokkummaan dhaabbachuun waliigalteen idil-addunyaa haqa qabeessi akka jiraatuuf qabsaa’uu qabu jedhan.

Dhumarratti qaamoleen lameen hariiroo tumsa tarsiimawaa irratti hundaa’e paarlaamaa gidduutti hundeessuuf waliigalteerra gahuu Embaasichi ibsa Faanaaf ergeen beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.