Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee uummanni kaasuuf mootummaan deebii qabatamaa kenna – Dooktar Geediyoon Ximootewoos

Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC) – Mootummaan gaaffilee uummanni kaasuuf afaan duwwaan osoo hin taane qabatamaan deebii kenna jedhan Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos .

Magaalaa Shaashamanneettis mareen hawaasaa taa’ameera.

Dooktar Geediyoon Ximootewoos yeroo kana akka jedhanitti, mootummaan gaaffilee uummanni kaasuuf yeroodhaan deebii kennuuf ciminaan hojjetaa jira.

Gaaffilee sadarkaa naannoo, magaalaa fi gandaatti deebi’uu danda’aniif deebiin hatattamaan kennamuu akka qabu hubachiisanii, gaaffilee hirmaannaa fi deggersa mootummaa Federaalaa kallattiin barbaadan ammoo qabannee jecha qofaan osoo hin taane qabatamaan deebisna jedhan.

Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa gama isaaniin, gaaffileen uummanni kaasu yeroo gabaabaatti kan deebii argataniifi mootummaan naannichaa murtiifi karooraan kan deebisu ta’uu dubbatan.

Mootummaa fi ummanni tumsaan yoo hojjetan, biyya jijjiiruun akka danda’amu Shaashamanneen ragaa tokko ta’uu fi gaaffii ulaa galaana uummanni deggeraa akka jiru itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaay ibsaniiru.

kutaaleen hawaasaa maricha irratti hirmaatan mootummaan gaaffii uummataa dhaggeeffatu jiraachuun akka isaan gammachiise ibsanii, jecha irra darbuun misoomawwan qabatamaan argisiisaa waan jiruuf guutummaatti ni deggerra jedhan.

pirojeektonni akka warshaa Xaa’oo olka’iinsa biyyaa kan dabalan ta’uu kaasanii, keessumaa gaaffii ulaa Galaanaa milkeessuuf ademsi mootummaan beekumsaan hogganamee eegale akka deggeran dubbataniiru.

Rakkoon bishaan dhugaatii waggoota dheeraaf gaaffii Uummataa ta’ee itti fufe, pirojeektonni jalqabamanii utuu hin deebi’iin hafan, rakkooleen walgaiinsa humna isaa fi mootummaan deebi sirrii akka itti kennu gaafataniiru.

Xilaahun Yilmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.