Gaarummaa fi arjummaa baay’isuun dhaloota egeree ijaaruuf qooda olaanaa qaba – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Aadaa maaddii waliif qooduu caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun hojjettoota Waajjira Ministira Muummee galii gadi aanaa qabanii fi daa’immaan maatii hin qabneef maaddii qoodaniiru.
Sagantaa maaddii qooduu aadessuu fi caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Abiy saganticharratti ibsaniiru.
Maaddii waliif qooduun bakka hundatti osoo aadeffamee lammiilee harka qalleeyyiin nyaatanii buluuf hin yaadda’an ture jedhan.
Hawaasni hundi wayita ayyaana Sooma Hiikaa kabajan lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qooduun walummaa agarsiisuu akka qaban dhaamaniiru.
Gaarummaa fi arjummaa baay’isuun dhaloota egeree ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia