Fana: At a Speed of Life!

Gabaa bunaa irratti dorgomuuf qulqullina bunaaf xiyyeeffannoon kenname

Finfinnee, Amajji 1, 2018 (FMC) – Dorgomtummaa gabaa bunaa addunyaa keessatti jiru tursiisuuf qulqullina oomishaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru Itti aanaan Daayireektera Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa obbo Shaafii Umar himan.

Konfiransiin addaa Tumsa Dinagdeefi Daldala Bunaa Itiyoo- Chaayinaa biyya Chaayina Bulchinsa Hunaan magaalaa Juujootti taa’amuun isaa ni yaadatama.

Barbaachisummaan buna Itiyoophiyaa gabaa Chaayinaa irratti dabalaa dhufuun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessatti ga’ee isaa ba’achaa jiras jedhan.

Fedhiin buna Itiyoophiyaa gabaa chaayinaa irratti dabalaa dhufuun carraa guddaa waan ta’ee f baay’inaa fi qulqullina bunaa eegsisuu akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Bunni Itiyoophiyaa Chaayinaa dabalatee gabaa biyyoota garaagaraa keessatti beeksisuuf, gabaa barbaaduu fi daldala alaa guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru obbo Shaafiin ibsanii, kanaafis tarsiimoowwan lama hojiirra oolaa akka jiran himan.

Tarsiimoon jalqabaa gara gabaa haaraatti guluu yoo ta’u, inni lammafaan ammoo gabaa duraan ture keessatti dorgomaa ta’anii turuu akka ta’e eeraniiru.

Qulqullina bunaa irratti xiyyeeffachuun bunni Itiyoophiyaa dorgomaa ta’uuf akka gargaaru eeranii, kunis gabaawwan haaraa keessa galuuf fi gabaa duraan ture keessatti dorgomaa cimaa ta’anii turuuf gargaara jedhan.

Hojiwwan qulqullina bunaa eegsisuuf hanga ammaatti hojjetamaniin biyyoota ga’umsa buna Itiyoophiyaa guddisuun akka danda’ames eeraniiru.

Bara 2016 tti Itoophiyaan gara biyyoota 64tti buna ergaa akka turte yaadachiisanii, amma biyyoonni galumsa buna Itiyoophiyaa gara 84tti guddachuu danda’eeras jedhan.

Bakkeewwan ga’umsa bunaa haaraa uumaman 2On bu’aa hojii hojimaata baratame keessaa ba’uun bifa haaraan erguuf hojjetamee ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.