Gabaan Kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Gabaan Kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii biyyattii saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.
Yaa’ii 2ffaan Naannawaa Gabaa Kaappitaalaa Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.
Obbo Ahimad Shideen wayita kana gabaan kaappitaalaa dhimma bu’uuraa egeree sirna faayinaansii Itiyoophiyaa saffisiisudha jedhan.
Itiyoophiyaan fooyya’iinsa diinagdee gooroo taasisuun dameewwan hundaan bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuus eeran.
Riifoormii diinagdee gooroo hordofees waggoottan muraasa darbanitti galii biyya keessaa guddisuun milkaa’inni galmaa’uu yaadachiisaniiru.
Bu’uura riifoormii diinagdeen gara hojiitti kan gale Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii saffisiisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Dhaabbilee misoomaa mootummaa irrattis riifoormiin gaggeeffamuu kaasanii, dirreen invastimantii hirmaannaa damee dhuunfaaf mijataa ta’e uumamuus ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti dirree faayinaansii amanamaafi damee dhuunfaaf mijataa ta’e mirkaneessuuf dhaabbilee gidduutti tumsa cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.