Gabaan Oomishaalee Itiyoophiyaa bittaafi gurgurtaa Ooppaalii eegaluufi
Finfinnee, Mudde 9, 2018(FMC)- Gabaan Oomishaalee Itiyoophiyaa Ooppaalii dabalatee bittaafi gurgurtaa albuudota garaagaraaf qophii xumureera jedhe.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Gabaa Oomishaalee Itiyoophiyaa Margiyaa Baayisaa akka jedhanitti, dhaabbatichi bittaafi gurgurtaa ammayyeessuuniifi qajeeltoo iftoominaan oomishuun sirna daldalaa biyyattii si’eessuuf qooda olaanaa bahachaa jira.
Bittaafi gurgurtaa boqqolloofi qamadiin hojii isaa kan eegale dhaabbatichi yeroo ammaa Buna, Saliixii, midhaan dheedhii, midhaan zayitaafi mi’eessituuwwan dabalatee oomishaalee qonnaa 28 bitaafi gurguraa jiraachuu eeraniiru.
Jijjiiramaan booda xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen oomishaalee haaraa 15 gara bittaafi gurgurtaatti galchuus yaadachiisuu isaanii TOI gabaaseera.
Labsiin Gabaa Oomishaalee Itiyoophiyaa erga fooyya’een booda oomishaalee qonnaa malee bittaafi gurgurtaa oomishaalee albuudaafi indaastirii akka raawwatuuf itti gaafatamummaan kennamuufii kaasaniiru.
Kana hordofees albuuda Ooppaalii gara gabaatti galchuuf Ministeera Albuudaa waliin hojiilee hedduu hojjechuu ibsaniiru.
Bittaafi gurgurtaa oomishaalee albuudaa biroos raawwachuuf sirna bittaafi gurgurtaa diriirsuuf tattaaffiin taasifamaa ture xumuramuu eeraniiru.
Inistiitiyuutii Misooma Indaastirii Albuudaatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Qorannoo Artezinaaliifi Misooma Albuuda Faayaa Dooktar Geeraa Tacaanee gama isaaniin, rakkoolee bittaafi gurgurtaa albuudota faayaarratti mul’atan furuufi damicha karaa ammayyaan hogganuuf hojjetamaa jira jedhan.
Haaluma Kanaan rakkoolee bittaafi gurgurtaa Ooppaalii irratti mul’atan furuuf hojiin Gabaa Oomishaalee Itiyoophiyaa waliin eegalame xumuramaa jiraachuu ibsan.
Oomishichi karaa Gabaa Oomishaalee Itiyoophiyaan gabaaf dhiyaachuun isaa sosochii daldala seeraan alaa ittisuufi oomishtoota fayyadamoo taasisuu keessatti qooda olaanaa akka qabaatu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.