Gabateen haaraa KonkolaattootaaTajaajila Poolisii biyya madaalu kennuuf dandeessisa – Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel
Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel gabateen haaraa Konkolaattootaa tajaajila Poolisii biyya madaalu kennuuf dandeessisaa jedhan.
Akkasumas jijjiiramni gabatee konkolaattootaa taasifamuun gocha seeraan alaa ittisuu fi to’achuun nageenya lammiilee mirkaneessuuf kan gargaaruu ta’uu hubachiisaniiru.
Gabateen konkolaattootaa duran ture waggoota 50 ol turuu yaadachiisuun, kunis to’annoof kan hin mijanne ta’uu ibsaniiru.
Gabatee haaraan konkolaattootaa kun teeknooloojiin kan wal sime ta’uu eeruun, tajaajiloota akkanaa teeknooloojiin walitti hidhuun imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’f agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistksiii Barii’oo Hasan gamasaaniin, jijjiiraan gabatee poolisii Federaalaa teeknooloojii ammayyaaaf xiyyeeffannoon kennamuu agarsiiftuudha jedhan.
Akka biyyaatti jijjiira gabatee konkolaattootaa xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbbataniiru.
Jamaal Ahimadtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.