Gadaan Booranaa baallii dabarsuuf jiru Sirna Dullacha Saphuphaa raawwate
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Gadaan Booranaa Marsaa Gadaa 72’ffaan baallii dabarsuuf jilarra jiru sirna Dullacha Saphuphaa raawwate.
Gadaan Booranaas barana haaroomsaa as marsaa 72ffaaf ji’a kana keessatti walharkaa fuudhiinsa baallii ni taasisa.
Yeroo ammaa Gadaan Kuraa Jaarsoo bara gadaa isaa xumuree Baallii dabarsuuf jilachaa kan jiru yoo qaamuma jila kanaa kan ta’e sirni Dullachaa Saphuphaa adeemsifameera.
Sirna Dullacha Saphuphaaf, jalqaba hayyoonni gadaa walga’anii erga eebbifatanii booda Sirni Ariirtii Dullachaa ni gaggeeffama.
Sirni Ariirtii kun hayyoonni dugda dullacha qophaa’eerra Alangee oofuun Dhawaa dhaamsi akka toltu kadhatu.
Erga sirna Ariirtii raawwatamee booda Abbaan Bokkuu Dullacha Saphuphaa qophaa’e morma muruun, gogaa dullacha dhibaafamee meedhicha godhachuun hayyoonni harkatti kan kaawwatan ta’uu ragaan Kominikeeshinii Godina Boorana Bahaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia