Galmee filattootaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa karaa diijitaalaan gaggeeffamu…
Finfinnee, Bitootessa 14, 2018(FMC)- Galmeen filattootaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa karaa diijitaalaan gaggeeffamu adeemsa filannoo irratti amanamummaa guddisa jedhan Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa obbo Tarreechaa Baalchaan.
Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaan karaa waraqaan dabalataan karaa diijitaalaan gaggeeffamaa jiraachuun ni beekama.
Galmee filattootaa karaa diijitaalaa gaggeessuun hojii galmee saffisuu keessatti qooda olaanaa akka qabu obbo Tarreechaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Baasii waraqaaf bahu kan xiqqeessuufi hirmaannaa uummataa guddisuuf haala mijataa kan uumu ta’uu dubbataniiru.
Dogoggora harkaan galmeessuun fidu hir’isuun sirna sirrii kan uumuu fi sagaleen sirrii fi guutuu ta’e walitti akka qabamuuf gargaaras jedhan.
Sirna filannoo irratti amantaa fi amanamummaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.
Bu’aan filannoo yeroo gabaabaa keessatti walitti qabamee akka gabaafamuuf haala mijataa uumas jedhan.
Gama biraatiin bu’aa qabeessummaa Tarsiimoo diijitaalaayizeeshinii biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kan agarsiisu ta’uu kaasanii, sirna guutuu fi haaromsaa uumuun, hirmaannaa fi tajaajila ummataa kan guddisudha jedhan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia