Fana: At a Speed of Life!

Galmee filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaa Shawaa Kaabaatti…

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Godina Shawaa Kaabaatti hanga ammaatti jiraattoonni kumni 800 fi kumni 32 ol kaardii filannoo fudhatan jedhe Waajjirri Kominikeeshinii godinichaa.

Godinicha buufataalee filannoo 745 irratti raawwachiiftoota filannoo kuma 2 fi 980n adeemsi galmee filattootaa gaggeeffamaa jira.

Godina Shawaa Kaabaa Salaaletti filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamuuf namoonni miiliyoonni 1 fi kumni 86 fi 439 kaardii filannoo ni fudhatuun eegama.

Hanga ammaattis namoonni kumni 800 fi kumni 32 fi 990 kaardii filannoo fudhachuu isaanii Itti Gaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii godinichaa Aadde Immabeet Wandimmuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Godinichatti Paartileen siyaasaa 7 filannoo waliigalaa 7ffaarratti dorgomuuf kaadhimamtoota isaanii dhiyeeffachuu kaasan.

Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaa Guraandhala 28, 2018 eegalee gaggeeffamaa jira.

Adeemsi galmee filattootaas waraqaa fi karaa diijitaalaan raawwatamaa jira.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.