Galmee Siiviilii fi Maatii diijitaalaa saffisiisuun Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf…
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Galmee Siiviilii fi maatii Diijitaalaa saffisiisuun Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhe Tajaajilli Immigireeshinii fi Lamummaa Itiyoophiyaa.
Galmeen Siiviilii fi Maatii diijitaalaa imala Iyiyoophiyaa saffisiisuun fi lammiilee haalaan tajaajiluuf tattaaffii godhamu caalmaatti tumsa jedhan Daayrekterri Olaantuun tajaajilichaa Salamaawiit Daawiit.
Ragaaleen galmee Siiviilii fi Maatii ijaarsa sirna eenyummeessaa diijitaalaa fi imaammata bocuuf gumaacha olaanaa qabaachuu kaasan.
Hojii galmee Siiviilii fi maatii Tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030’n tumsuun milkiin xumuruuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeran.
Sirna galmee siviilii fi maatii sirna dijitaalaayizeeshinii cimaan deeggaramee diriirsuun bulchiinsa, haqaa, karoora fi misooma keessatti gahee bakka hin buune qaba jedhan.
Nageenya biyyaa mirkaneessuu fi sochii lammiilee idil-addunyaa mijeessuuf gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu hubachiisan.
Sirna galmee siiviilii fi maatii walfakkaatu guutuu Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuuf ciminaan hojjechuun itti fufa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.