Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa 7ffaa akkuma itti fufetti jira
Finfinnee, Bitootessa 17, 2018(FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffamuuf qophiilee adda addaa taasisaa jira
Galmeen filattootaa Guraandhala 28, 2018 eegale gaggeeffamaa jira.
Adeemsi filannoos waraqaa fi karaa diijitaalaan raawwatamaa jira.
Ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka agarsiisutti, hanga ammaatti namoonni miiliyoonni18.5 ol galmaa’aniiru.
Kanneen sagalee kennuuf galmaa’an keessaa miiliyoonni 10.1 dhiirota yoo ta’an, miiliyoonni 8.4 ol ammoo dubartoota.
Galmeen filattootaa kun buufataalee filannoo kuma 46 fi 757 irratti raawwachiiftoota filannoo kuma 100 fi kuma 87 fi 27 oliin raawwatamaa jira.
Paartileen 47 filannicharratti hirmaachuuf kaadhimamtoota isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, Addi Bilisummaa Oromoo waggoota 30 ol booda filannoo baranarratti hirmaachuuf kaadhimamtoota isaa dhiyeesseera.
Paartileen kunneen yeroo ammaa imaammata isaaniirratti falmii garaagaraa gaggeessaa jiru.
Kaadhimamtoonni kumni 10 fi 934, akkasuma kaadhimamtoonni dhuunfaa 73 filannichaaf dhiyaataniiru.
Kaadhimamtoonni kumni 2 fi 198 mana maree bakka bu’oota ummataaf, kumni 8 fi 736 ammoo mana maree naannoof dorgomu jedhame.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia