Fana: At a Speed of Life!

Galmeen filattoottaa filannoo majilisaa Adoolessa 13 xumurama

Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Galmeen filattootaa filannoo majiliisa  Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Adoolessa 13 xumurama.

Walitti qabaan Boordii raawwachiistuu filannoo mana marichaa Dooktar Abdulaaziiz Ibraahim akka jedhanitti, filannoo majiliisaaf galmeen filattootaa mata duree “ Filannoo Dhaabbata Cimaaf” jedhuun  Waxabajjii 20, 2017 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Galmeen filattootaa Adoolessa 13, 2017 waan xumuramuuf hawaasni musliimaa hin galmoofne kaardii filannoo akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni majiliisaa adeemsi filannoon duraa %98 raawwatamuu ibsuun, filannichi Hagayya 9-11, 2017 guutuu biyyaattiitti kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Uummanni musiliimaa hoggansa na hogganuu danda’a jedhu filachuuf dammaqinaan hirmaachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Filannoon hoggantoota majiliisaa erga gaggeeffameen boodas filatamtoonni waggoottan shanan itti aananiif uummata musiliimaa kan hogganan ta’u.

Fatiyaa Abdallaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.