Galmeewwan kumni 400 fi kumni 60 ol Mana Murtii Aadaan furmaata argatan – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti taa’aa jira.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii qaamoolee raawwachiistuu dhiyyeessaniiru.
Galmeewwan kumni 500 fi 962 dhiyaatan keessaa kumni 400 fi kumni 60 ol Mana Murtii Aadaan furmaata argatan jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan gabaasa caffeef dhiyeessaniin.
Kanaanis birriin biiliyoonni 2.3 qisaasamuu irraa ooluu ibsan.
Manni Murtii Aadaa waldhabdee hiikuu, nagaafi araara buusuun bu’aa olaanaafi ajaa’ibaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.
Hundeeffamni Mana Murtii Aadaa qaama Haaromsa Aadaa Oromoo ta’uus dubbataniiru.
Manni Murtii Aadaa dhaqqabamaa ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti dhugaa baasuu fi deddeebii hawaasa ni hir’isa jedhan.
Oromiyaa keessatti Manneen Murtii Aadaa jalqabaa kumni 7 olii fi Oldabarfataan 372 hundaa’uun tajaajila kennaa jiraachuu himan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.