Galmi barkumee bifa haaraan ijaaramuufi
Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Galmi Barkumee bifa misoomaa naannawichatti gaggeeffamu waliin haala walmadaaleen bifa ammayyaa’een ijaaramuufi.
Daayrektarri Piroomooshinii fi Koorporeet Kominikeeshinii Garee Meedrook Hunnaachoo Taayyeen ibsa kennaniin, Paarkii Addis (Galma Miliniyemii) Waxabajjii 20, 2017 balaan ibiddaa mudatee akka ture beeksisan.
Barkumeerraa eegalee sagantaalee hedduu keessummeessaa turuu yaadachiisanii, galmicha haalaa naannawichaa madaaluun bifa haaraafi ammayyaa’een ijaaramuufi jedhan.
Baatii Muddee 2018 irraa eegalees ijaarsisaa akka eegalu ibsan.
Rakkoon Galmicha mudatee ture furamuun tajaajila idileetti deebi’uu eeruun, hanga ijaarsi isaa eegaluttis tajaajilli idilee galmichatti kennamu akka itti fufu dubbatan.
Masaafinti Birilleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.