Galmi Tajaajilli Oduu Itoophiyaa qabate kan jajamuu dha – Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Itiyoophiyaa fi Afrikaa addunyaatti beeksisuuf galmi qabate kan jajamuu dha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Tamasgeen Xurunaan.
Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, waggoita 82 darbaniif ejjennoo Itoophiyaa addunyaatti beeksisaa kan ture TOI daawwataniiru.
TOI boqonnaa haaraatti ce’eera, ashaaraa isaa seena qabeessa yaadama haaraan kan cimsaa naannoo hojiif miijataa, miidiyaa Ammayyaa fi istuudiyoowwan ammayyaa ijaareera jedhan.
Kanaanis afaanota hedduun Itiyoophiyaa irra darbee Afirikaa addunyaatti mullisuuf galmi inni qabate kan jajamu ta’uu kaasaniiru.
Miidiyichi faayidaa biyyaalessaa eegsisaa, qabeenyawwan aadaa fi tuurizimii beeksisaa, maqaa gaarii biyyattii addunyaatti mul’isaa itti fufuuf humna namaa fi tekinooloojii miidiyaan of ijaaraa jiraachuun isaa jalqabbii gaarii akka ta’es kaasaniiru.
Keessumaa sochiin afaanota alaan sagalee Afrikaa ta’uuf eegale cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.
Carraa Afrikaa gara fuulduraa ofii karoorsinee, ofii hojjennee, ofii barreessinee, ofuma keenyaan addunyaatti kan himnuu fi kan mul’isnu ta’uu qabna jechuunis cimsanii kaasaniiru.
Kanaaf ammoo mootummaan galmoota jijjiiramaa biyyaalessaa fi ardii dhaabbatichi eegale milkeessuuf kutannoon akka hojjetu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.