Fana: At a Speed of Life!

Galteewwan bu’uura misooma Elektirikaa % 80 biyya keessatti guutuun danda’ame – Tajaajilicha

Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Galteewwan bu’uura misooma Elektirikaa % 80 dhiyeessitoota biyya keessan guutuun danda’ame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.

Dhaabbileen biyya keessaa galteewwan bu’uura misooma Elektirikaa qulqullinni isaanii olaanaa ta’e akka dhiyeessan xiyyeeffannoon kennamu raawwataan Kominikeeshinii Tajaajilichaa Aniwaar Abraar Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Kunis diinagdee mandhalee jajjabeessuu fi hojiilee Invastimantii biyya keessaa babal’isuuf kan kaayyeeffate ta’uu dubbatan.

Baatiwwan jahan darban keessa Tiraanisfoormaroonni kumni 3 fi 944 oomishtoota biyya keessaan dhiyaachuun tajaajila kennaa jiraachuu eeran.

Insuleetaroonni kumni 32 ol, meeshaaleen Ittisa Tiraanisfoormarii kumni 97 ol, Kondaaktarrii fi Keebiloonni meetirri kumni 32 ol, akkasuma meeshaaleen hardi weerii kumni 200 ol oomishtoota biyya keessan dhiyaachuu himan obbo Aniwaar.

Waliigalaan galteewwan bu’uura misoomaa Elektirikaa % 80 dhiyeessitoota biyya keessaan guutuun danda’amuu dubbatan.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.