Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC)- Gamaaggamni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii Mootummaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 2ffaa bara 2018 kun bakka Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa argamanitti magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Kallattii qorannoo raawwii hojii kennaniin, Badhaadhina uummataa eegalame mirkaneessuufi injifannoo itti fufiinsa ta’e fiduuf hooggansi sadarkaan jiru xiiqii fi aarsaa guddaan hojjechuu qaba jedhan.

‎Qabsoo uummata sadarkaa ol aanutti ceesisuuf, hooggansi milkaa’ina uummata isaan of madaalaa deemuu qaba jechuun dhaaman.

‎Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gamasaaniin, hojiin dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa fi caasaalee cimsuuf leenjiifi mariin sadarkaan gaggeeffaman bu’aa qabatamaa argisiisaniiru jedhan.

Hojii kenna tajaajila giddugala tokkoo Magaalota keessatti eegalamee fi teknooloojiin hojii hunda deeggaruu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

‎Waltajjii raawwii hojii kanarratti hoggantoonni Naannoo, Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaalee Oromiyaa hirmaachaa jiru.

Gamaaggamni raawwii kun guyyoota 2f kan gaggeeffamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.